Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota dabalataa 5 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Eebila 27, 2012 (FBC) –Ityoophiyaatti namoota dabalataa 5 irratti vaayrasiin koroonaa argame.

Sa’aa 24 keessatti qorannaa laabraatoorii samuudaa 1047 gaggeeffameen namoota 5 irratti vaayrasichi argamuun mirkanaa’era.

Namoota kanneen keessa 2 seenaa imala kan qaban yoo ta’u, namoonni 3 seenaa imalaa kan hin qabnedha.

Dhiironni 2 umriin isaanii 25f 22 ta’an Jibuutirraa deebi’anii tursa dirqii Affaar keessa kan jiranidha.

Dubartoonni lama jiraataa magaalaa Finfinnee yoo ta’a, isaan keessaa tokko nama vaayrasichaaf saaxilameen tuttuqii qabaachuu ibsameera.

Tokkommoo ammoo jiraattuu magaalaa Baatuu kan taate yoo ta’u seenaa imalaa kan hin qabne fi nama vaayrasichaaf saaxilameen tuttuqii kan qabdudha.

Qorannaa laabraatoorii amma ammaatti Ityoophiyaatti taasifame 25,135 namoota 145 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Kana keessaa kan dandamatan 91, kan du’an 4, gara biyya isaaniitti kan deebi’an 2, yaala addaa keessa kan jiran ammoo 48.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.