Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota dabalataa 5 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Eebila 26, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoota dabalataa 5 irratti vaayrasiin koroonaa argame.
 
Sa’aa 24 keessatti qorannaa laabraatoorii samuudaa 1,758 gaggeeffameen namoota 5 irratti vaayrasichi argamuun mirkanaa’era.
 
Namoonni kanneenis seenaa imalaa kan qabanidha.
 
Dhiironni 3 umriin isaanii 24,23 fi 20 ta’an Puuntilaandii deebi’anii tursa dirqii Jigjigaa keessa kan jiranidha.
 
Tokko jiraataa magaalaa Baahir Daar yoo ta’u, nama vaayrasichaaf saaxilameen tuttuqii kan qabudha.
 
Tokkommoo dhalataa Ityoophiyaa fi lammummaan Swiidiin kan ta’e, Swiidinii deebi’ee tursa dirqii Finfinnee keessa kan jirudha.
 
Waliigalaan arfan isaanii lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, tokko lammii Swiidiini.
 
Qorannaa laabraatoorii amma ammaatti Ityoophiyaatti taasifame 24,088 namoota 140 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Kana keessaa kan dandamatan 75, kan du’an 3, gara biyya isaaniitti kan deebi’an 2, yaala addaa keessa kan jiran ammoo 60.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.