Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Namoota Dabalataa 30 Irratti Vaayrasiin Koroonaa Argame

Finfinnee, 19, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 30 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 4,352 qoratameera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 731 qaqqabeera.

Namoonni vaayrasichi irratti argame hundinuu Ityoophiyaanota umriin isaan waggaa 9 hanga 60 yoo ta’an, koorniyaadhan dhiira 22 fi dubartoota 8.

Namoonni 5 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabu.
Namoonni 11 ammoo seenaa imala alaa qabu.

Namni 14 ammoo tuttuqaas seenaa imalaas hin qaban.

Namoonni 15 jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an,
namni 1 naannoo Oromiyaa.
Namoonni 2 naannoo Tigraay
Namoonni 8 naannoo Amaaraa.
Namoonni 3 naannooHararii
Namni tokko konkolaachisaa daangaa ce’aa.

Namoonni haaraan 14 dhibicharraa dandamataniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni dandamatan 181 qaqqabaniiru.

Namoonni 542 ammoo yaaalarratti argamu.

Ityoophioyaatti Waliigala namoota 91,616 qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Namni tokko yaala waallansa cimaa keessatti argama

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.