Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota dabalataa 17 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Sa’aa 24 darban keessatti qorannaa laabraatoorii samuudaa 1,382 gaggeeffameen namoota 17 irratti vaayrasichi argamuun mirkanaa’era.

Namoonni kunneen hundi isaanii lammiilee Ityoophiyaa ta’uu Ministirri Ministeer Fayyaa Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Namoota har’aa keessaa namoonni 4 seenaa imalaa kanneen hin qabneedha jedhame.

Ityoophiyaatti guyyaa tokkotti namoonni 17 dhibeen kanaan qabamuun isa jalqabaati jedhame.

Namoonni 7 Jiibuutii deebi’uun iddoo tursa dirqii Afaar keessa kanneen turaniidha.

Namoonni 6 ammoo Soomaaliyaa deebi’uun tursa dirqii naannoo Soomaalee keessa kanneen turan ta’uu Dooktar Liyaan himaniiru.

Namoonni 4 ammoo jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an, inni tokko nama umrii waggaa 27 amallii hojii isaa dhibichaaf saaxilamaa isaa taasisudha jedhame.

Namoonni lama tuttuqaa qabaachuun isaanii kan mirkanaa’ee yoo ta’u, kan isa tokkoo qoratamaa jira jedhame.

Isheen tokko dubartii umrii waggaa 53 yoo taatu, ishee 2ffaan dubartii umrii waggaa 28 ta’uu mirkanaa’eera.

Namoonni Jiibuutii deebi’an kanneen umriin isaa waggaa 20,25, 26, 14, 65, 50 fi 30 yoo ta’an, hundi isaanii dhiiroota ta’uu ibsameera.

Warreen Soomaaliyaa deebi’anis kanneen umriin isaanii waggaa 24, 23, 27, 20, 22 fi 41 yoo ta’an hundi isaanii dhiiroota jedhame.

Qorannaa laabraatoorii amma ammaatti Ityoophiyaatti namoota 26,517 taasifameen, namoota 162 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Kana keessaa kan dandamatan 93, kan du’an 4, gara biyya isaaniitti kan deebi’an 2, yaalarratti kan argaman namoota 63 ta’uu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.