Ityoophiyaatti namoota balaa umamaa fi namtolcheen miidhaman itti fufiinsaan dandamachiisuuf hojjetamuu qaba-Gamtaa Awurooppaa
Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti namoota balaa uumamaa fi namtolcheen miidhaman itti fufiinsaan dandamachiisuuf hojjetamuu akka qabu Komishinarri Hooggansa Soda Balaa Gamtaa Awurooppaa Jaaneez Lenaarchichii ibsan.
Koomishinarichi Naannoolee Somaalee fi Tigiraayitti lammiilee balaa uumamaa fi namtolcheen miidhaman daawwataniiru.
Xumura daawwanna isaanitti ibsa miidiyaaleef kennaniin, Ittaanaa Mummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, hooggantoota naannolee waliin, adeemsa dhiyeessii namoomaa waliin ga’uurratti mari’achuu himaniiru.
Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa Naannoo Tigiraay fooyya’uu fi fuulduratti akka cimus amantaa qaban ibsaniiru.
Naannoo Somaaleetti turtii taasisaniin, naannawaa hongeen miidhaman daawwachuu kaasanii, balichi miidhaa ulfaataa qaqqabsiisuun, daa’immanii fi dubartoota dabalatee lammiilee hedduu rakkoof saaxiluu ibsaniiru.
Deeggarsa namoomaa oolmaa guyyaaf barbachisuun argachuu bira darbees hojiin itti fufiinsaan dandamachiisuu hojjetamuu qaba jedhaniiru.
Magaalaa Maqaleettis turtii guyyoota lamaan, haala lammiilee sababa waraanaan miidhamanii daawwachuu himaniiru.
Konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’anis naannicha wayita seenan hubachuu fi tattaaffii mootummaa dinqisiifachuun, dhiyeessiin deeggarsa namoomaa foyya’iinsa argisiisuus ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.