Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 2 dabalataan argaman

Finfinnee, Eebila 4, 2012 (FBC) – Sa’aatii 24 darban keessatti namootaa 286 qorannoo laaboraatoorii taasifameen namoonni 2 dabalataan vaayrasii koroonaan qabamuu isaanii Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni lamaanuu lammiilee Ityoophiyaa ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Isheen tokko dubartii umrii waggaa 24 yoo taatu, seerri dirqiin iddoo tursiisaa addaa galuu osoo hin ba’in dura Dubaay kan dhufteedha jedhan.

Isheen lammataa dubartii umrii waggaa 35 yoo taatu Turkii dhufuun iddoo tursiisa addaa keessa kan turteedha .

Hanga guyyaa kanaatti namoonni vaayrasichaan qabaman waliigala 71 ga’aniiru.

Namoota qabaman keessaa namoonni 10 kan dandamatan yoo ta’u lubbuun namoota 3 ammoo darbeera.

Waliigal hanga guyyaa kanaatti namoota kuma 3 fi 863f qorannoon laabooratoorii taasifamuu Dooktar liyaa ibsaniiru.

Yeroo ammattti namoonni 56 yaalarratti kan argaman yoo ta’u, namni dhukkubbii lubbuurratti argamu hin jiru jedhan.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.