Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasi Koroonaa (COVID -19 ) qabaman 65 ga’e

Finfinnee, Eebila 2, 2012 (FBC) –Ityoophiyaatti namoonni vaayrasi Koroonaa (COVID -19 ) qabaman 9 dabalaataan argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabraatoorii taasifameen namoota 442 keessaa 9 vaayrasii koroonaan qabamuu mirkana’eera.

Kanaumaan walqabatee Ityoophiyaatti lakkoofsi namoonni vaayrasi Koroonaa (COVID -19 ) qabaman 65 ga’eera.

Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa akka ibsanitti guyyaa har’aa vaayrasicha akka qaban kan mirkanaa’e namoonni hunduu seena imala biyya alaa kan qabanidha jedhaniiru.

Namoota vaayrasichaan qabaman keessa 7 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an tokko lammii Eertiraa tokko ammoo lammummaa Hindii kan qabu ta’uu himaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa 4 Dubaayirraa gara Ityoophiyaa dhufuun bakka tursiisa addaatti hordoffiin ta’aafi kan turedha.

Lama Tuurkii fi 1 ammoo seena imala biyya Ingiliz kan qaban yoo ta’u, hundi isaanii bakka tursiisa addaatti hordoffii ta’aafi kan ture ta’uu kaasaniiru.

Lammiin Hindii umrii 20 Ameerikaa akkasumaas lammiin Eertiraa umrii 40 ammoo seenaa imala Dubaay kan qaban ta’uu himaniiru.

Kutaa yaala addaa keessatti kan argaman namoota lama keessa tokko fayyaa isaa fooyya’uun kutichaa keessa bahuus dubbataniiru.

Dooktar Liyaan akka beeksisanitti namni sadaffaan tokka; jiraattuun magaalaa Duukam umrii waggaa 65 Bitootessa 26,2012 hoospitaala galanii hordoffiin taasifamaafii ture, har’a vaayrasichaan lubbuun isaanii darbeera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.