Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni sadi dabalataan Vaayrasii Koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 6, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni sadi dabalataan Vaayrasii koroonaan qabamuun ibsameera.
 
Namoota sadan har’a qabamuun isaanii mirkanaa’e keessaa tokko lammii Ityoophiyaa yoo ta’u, lama ammoo lammiilee Jaappaan ta’uu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiseera.
 
Namoonni kunneen Finfinnee keessatti kan aragamanii fi isa jalqaba qabame waliin tuttuqaa warreen qaban ta’uu Inistiityuutichi ibseera
 
Lammiileen Jaappaan umriin isaanii waggaa 44 fi 47 yoo ta’an lammiin Ityoophiyaa ammoo umriin isaa waggaa 42 ta’uu ibsameera.
 
Namoonni kunneen addatti foo’amuun yaalli barbaachisu taasiifamaafi jiraachuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa himeera.
 
Namoonni nama kana waliin walitti dhufeenya qaban jedhamanii
shakkaman 117 bakka tursiisa addaatti qorannoon godhamaafi jira jedhame.
 
Inni yeroo jalqabaaf Ityoophiyaatti qabame yeroo ammaa haala gaariirra jiraachuu ibsameera.
 
Oduma walfakkaatuun namni dhuunfaan Saa’ud Arabiyaa dhufe tokko iddoo tursiisaa keessaa miliquun hordoffii taasifamaa tureen godina Kibba Walloo aanaa lagaambootti to’annoo jala oolee jira.
 
Yeroo ammaatti namoota isa waliin turan hojiin adda baasuu hojjetamaa jira jedhameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.