Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni miiliyoonni 16 ol deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni miiliyoonni 16.5 deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta’uu Ityoophiyaatti Waajjirri Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii beeksise.
 
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii mootummaa Ityoophiyaa fi qaamoolee deeggartootaa waliin ta’uun bara 2020tti namoota deeggarsi namoomaa isaan barbaachisu adda baasera.
 
Baatii Amajjii Bara faranjootaa 2020 Ityoophiyaatti namoonni deeggrsa namoomaa nyaataa fi nyaatan alaa isaan barbaachisu miiliyoona 7 ta’uu gabaafamuun isaa kan yaadatamuudha.
Yaa ta’uutii sababa weerara vaayrasii koroonaan miidhaa Ityoophiyaa fi sadarkaa idila addunyaatti qaqqabeen lakkoofsi namoota deeggarsa namoomaa nyaataa fi nyaatan alaa isaan barbaachisuu miiliyoona 16.5 ga’uu dhaabbatichi beeksiseera.
 
Deeggarsa kana dhiyeessuuf Doolaarri Ameerikaa Biiliyoonni 1.6 kan barbaachisu ta’uu ibsameera.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa namoonni miiliyoonni 9.8 dabalataan deeggarsa namoomaa akka barbaadaan taasisuu dhaabbatichi eereera.
 
Doolaarri miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 6 deeggarsa namoomaa nyaataa fi nyaatan alaaf kan oolu ta’uu himameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.