Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni miiliyoonni 1 balaa lolaan miidhaman

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni miiliyoonni 1 balaa lolaan miidhamuu Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa beeksise.
Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa fi Abbaan Taayitaa Misooma Yaa’awwanii haala yeroorratti ibsa waloo laataniiru.
Ityoophiyaatti namoonni miiliyoonni 1 balaa lolaaf saaxilamu fi namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 13 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa ifoomseera.
Namoota balaaf saaxilaman kanneeniif deeggarsi barbaachisu taasiifamaa jiraachuu itti aanaan Komishiinara Koomishinii Hoggansa Sodaa Balaa biyyaalessaa Daamanaa Daarootaan ibsa har’a laataniin beeksisaniiru.
Yeroo itti aanus balaan lolaa muudachuu waan danda’uuf of eeggannoo cimaan taasiifamuu akka qabu Abbaan Taayitaa Misooma Yaa’awwanii hubachiiseera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.