Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 866 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 866 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 7,383 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 866 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 84,295 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 633 dandamachuun ibsameera.

Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 38,316 qaqqabuun eerameera.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 10 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,287qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoota vaayrasichi irra jiru 44, 690 keessaa 271 hordoffii wallaansa fayyaa cimaa keessa jiru.

Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 50 fi 633 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.