Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 841 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 841 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 5,997 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 841 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 85,136 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 588 dandamachuun ibsameera.

Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 38,904 qaqqabuun eerameera.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 14 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,301 qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoota vaayrasichi irra jiru 44, 929 keessaa 230 hordoffii wallaansa fayyaa cimaa keessa jiru.

Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 56 fi 630 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.