Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 738 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 738 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Sa’aa 24 kaleessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 8,355 hojjetameen, namoota 738 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Haaraan kan dandamata 677 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 26,665.

Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 66,224 qaqqabeera.

Namoonni 270 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Yeroo amma vaayrasichi namoota 38,512 irratti argama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.