Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 656 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 656 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 8 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 5,147f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 656 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 137 dandamataniiru.

Namoonni 15,080 yaalarratti argamu.

Namoonni 225 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 8 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,156 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 142,994 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.