Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 612 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo guyyaa kaleessatiin namoonni dabalataa 612 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera.

Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii 4,747 kan hojjetame yoo ta’u, 612 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Haaluma kanaan waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 73,944 vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni haaraan 390 yoo dandamata, waliigalaan lakkoofsi namoota dandamatanii 30,753 qaqqabeera.

Gabaasa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 7 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni 1,177 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Namoota vaayrasichi irratti argamu 42,012 keessaa 247 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.

Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaa laabraatoorii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 60 fi dhibba 929  hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.