Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 582 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 582 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.
 
Qorannaan laabraatoorii samuudaa 6,344 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 582 irratti vaayrasichi argameera.
 
Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 85,718 qaqqabaniiru.
 
Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 403 dandamachuun ibsameera.
 
Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 39,307 qaqqabuun eerameera.
 
Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 4 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,305 qaqqabeera.
 
Yeroo ammaatti namoota vaayrasichi irra jiru 45, 104 keessaa 230 hordoffii wallaansa fayyaa cimaa keessa jiru.
 
Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 62 fi 974 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.