Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 414 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Qorannoo Laboraatorii sa’aa 24 darbeettin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 414 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 5901 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 414 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 96,583 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 935 dandamachuun ibsameera.

Namoonni 41,651 yaalarratti argamu.

Namoonni 336 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti argamu.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 keessatti lubbuun namoota 9 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,478 qaqqabeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.