Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 3 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC)- Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 3 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e.

Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti namoota 745f taasifameen namoonni dabalataa 3 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Dooktar Liyaan waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 114 qaqqabuu beeksisaniiru.

Tokko lammii Chaayinaa umriin isaa waggaa 42 yoo ta’u, seenaa imalaa kan hin qabne jiraataa magaalaa Sabbataati.

Inni lammaffaan ammoo umriin isaa 22 yoo ta’u, seenaa imalaa kan hin qabnee fi nama vaayrasichaan qabameen qunnamtii kan qabudha.

Namni sadaffaan ammoo umriin isaa waggaa 22, seenaa imalaa kan qabuu fi tursa keessa kan jirudha.

Amma ammaatti waliigalaan namoota 8,598 qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Namoonni vaayrasichaan qabamanii tursa keessa jiran 93 yoo ta’an, wallaansa cimaa keessa kan jiru 1, kan dandamatan ammoo 16.

Vaayrasichi Ityoophiyaatti ega mudatee lubbuun namoota 3 kan darbe yoo ta’u, namoonni 2 ammoo gara biyya isaanii deebi’aniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.