Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 3 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e

Finfinnee, Bitootessa 30, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 3 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e.
 
Sa’aa 24 keessatti namoota 225f qorannaan laabraatoorii kan taasifame yammuu ta’u, namoonni sadi vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.
 
Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamaniis waliigalaan 55 qaqqabeera.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsa laataniin akka beeksisanitti, vaayrasichi gara Ityoophiyaa ega seenee jalqabee amma ammaatti namoota 2,496f qorannaan laabraatoorii taasifameera.
 
Namoonni dabalataa vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e lammiilee Ityoophiyaa yammuu ta’an, lamaan isaanii seenaa imala biyya alaa kan qabanidha.
 
Lamaan isaanii kan umrii waggaa 29 yammuu ta’an Duubaayii kan dhufanidha.
 
Tursa addaattis hordoffiin taasifamaafii tureera jedhan Dooktar Liyaa Taaddasaan.
 
Namni sadaffaan ammoo kan umrii waggaa 36, jiraataa naannoo Amaaraa godina Awwii magaalaa Addiis Qidaamini.
 
Namichi seenaa imala alaa kan hin qabne yammuu ta’u, nama biroo waliin tuttuqqii waan qabuuf shakkamee hordoffiin taasifamaafii tureera.
 
Namoota vaayrasichi irratti argame keessaa tokko tursa wallaansa hordoffii cimaa seenuu ibsaniiru.
 
Waliigalaan namoonni tursa wallaansa hordoffii cimaa keessa jiran 2 ga’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.
 
Ityoophiyaatti namoota vaayrasichaan qabaman keessaa 4 kan dandamatan yammuu ta’u, 2 lubbuun isaanii darbeera.
 
Lama ammoo gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.