Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 28 vaayrasii koroonaan lubbuun isaanii darbe

Finfinnee, Hagayya 13, 2012 (FBC) –Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 kaleessa darbeen namoonni dabalataa1,386 vaayrasii koroonaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sa’aa 24 darbetti samuudaan namoota 22,101 hojjetameen namoonni 1,386 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Lubbuun namoota 28 darbeera.
 
Namoonni haaraan 414 yoo dandamatan, waliigala namoonni 12,938 dandamataniiru.
 
Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 32,722 qaqqabeera.
 
Waliigala Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 572 ga’eera.
Namoonni 216 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo ammaa namoonni 19,210 yaalarratti aragmu.
 
Hanga ammaatti namoota 651,311 qorannoon laabraatoorii hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.