Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 2 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e

Finfinnee, Eebila 14, 2012 (FBC)- Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 2 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e.

Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti namoota kuma 1 fi 73f taasifameen namoonni dabalataa 2 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Dooktar Liyaan waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 116 qaqqabuu beeksisaniiru.

Tokko lammii Ityoophiya umriin isaa waggaa 22 yoo ta’u, jiraataa naannoo Affaar magaalaa Gawaanee seenaa imalaa kan hin qabne fi tuttuqaa qabaachuun isaa qulqulla’aa jirachuu himaniiru.

Inni lammaffaan ammoo umriin isaa 54 yoo ta’u, seenaa imalaa Ameerikaa kan qabu fi tursisaa adda keessa kan turedha jedhan.

Amma ammaatti waliigalaan namoota 9,771 qorannaan laabraatoorii taasifameera.
Namoonni vaayrasichaarra dandamatan ammoo 21 ga’aniiru.

Vaayrasichi Ityoophiyaatti ega mudatee lubbuun namoota 3 kan darbe yoo ta’u, namoonni 2 ammoo gara biyya isaanii deebi’aniiru

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.