Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,982 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee,Bitootessa 20, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,982 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 24 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 7,840 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,982 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Weerarichi erga Ityoophiyaa seenee lakkoofsi namoota kuma dhibba 2 caaluu ministeerichi beeksiiseera.

Namoonni haaraan 867 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 44,528 irratti argama.

Namoonni 795 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 24 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,825 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 2 fi 545 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.