Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 176 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 176 vaayrasii koroonaatin qabaman.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa namoota 5,636 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 176 irratti vaayrasichi argamuu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taqaddasaan beeksisaniiru.
 
Umriin isaanii waggaa 5 hanga 90 ta’uunis ibsameera.
 
116 dhiirota yoo ta’an, 60 dubartoota.
 
Qorannaa reeffaa nama 1 fi namoota sababii vaayrasichaatin wallaansarra turanirraa 2; waliigalaan namoonni 3 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Lammummaadhan 175 Ityoophiyaanota yoo ta’an, 1 lammii biyya alaati jedhan Dooktar Liyaan.
 
98 Finfinneedhaa, 33 naannoo Amaaratii, 31 naannoo Tigraayii, 7 naannoo Somaaletii, 3 naannoo Oromiyaatii, 2 magaalaa Dirree Dawaatii, 2 naannoo Afaariyi.
 
Waliigalaan qorannaa amma ammaatti taasifamee 186,985 namoota 3,521 irratti vaayrasichi argamuun mirkanaa’era.
 
Amma waliigalaan namoonni 2,839 vaayrasichi kan irra jiru yoo ta’u, wallaansa cimaa keessa kan jiran 29.
 
Haaraa kan dandamatan 75 yoo ta’an, waliigalaan kan dandamatan 620.
 
Gara biyya isaanii kan deebi’an 2.
 
Namoonni 60 vaayrasichi Ityoophiyaa galuun ega baramee lubbuun isaanii darbeera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.