Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,483 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame
Finfinnee,Bitootessa 4,2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,483 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 30 darbeera.
Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 7,654 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,483 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Namoonni haaraan 846 dandamataniiru.
Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 29,471 irratti argama.
Namoonni 464 wallaansa cimaa keessatti argamu.
Lubbuun namoota 30 darbeera.
Waliigala lubbuun namoota 2,540 darbeera.
Weerarri vaayrasii koroonaa Ityoophiyaatti erga muul’atee har’a waggaa tokko guuteera.
Ityoophiyaan guyyaa namni jalqabaa vaayrasiin koroonaa irratti argame waggaa 1ffaatti talaallii vaayrasichaa laachuu guyyaa har’aa eegalteerti..
Ityoophiyaatti namni jalqabaa lammiin Jaappaan ga’eessi umrii waggaa 48 Bitootessa 4, 2012 qabamuun isaa kan yaadatamuudha.
Waggaa tokko keessatti namoota miiliyoona 2 fi kuma dhibba 2 fi kuma 21 fi 834 f qorannoon laabraatoorii taasiifameera.
Hanga ammaatti namoonni kumni dhibba 1 fi kumni 74 fi 54 qabamaniiru
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.