Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 109 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 109 vaayrasii koroonaatin qabaman.

Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa namoota 5,102 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 109 irratti vaayrasichi argamuu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Umriin isaanii waggaa 1 hanga 78 ta’uunis ibsameera.

60 dhiirota yoo ta’an, 49 dubartoota.

Namnni 1 lubbuu isaa darbeera.

109 Ityoophiyaanota jedhan Dooktar Liyaan.

81 Finfinneedhaa, 3 naannoo Amaaratii, 3 naannoo Tigraayii, 4 naannoo Somaaletii, 9 naannoo Oromiyaatii, 4, naannoo Kibbaa 2 naannoo hararii, 3 naannoo Afaariyi.

Waliigalaan qorannaa amma ammaatti taasifamee 192,087 namoota 3,630 irratti vaayrasichi argamuun mirkanaa’era.

Amma waliigalaan namoonni 2,829 vaayrasichi kan irra jiru yoo ta’u, wallaansa cimaa keessa kan jiran 32.

Haaraa kan dandamatan 118 yoo ta’an, waliigalaan kan dandamatan 738.

Gara biyya isaanii kan deebi’an 2.

Namoonni 61 vaayrasichi Ityoophiyaa galuun ega baramee lubbuun isaanii darbeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.