Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni arfan Vaayirasii Koroonaan shakkaman bilisa ta’uun mirkanaa’e

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Yeroo 2ffaaf lammiileen Ityoophiyaa sadii fi laammiin Chaayinaa 1 Vaayirasii Koroonaan shakkaman bilisa ta’uun mirkanaa’e.
 
Lammiilee Ityoophiyaa yeroo lammaafaaf Vaayirasii Koroonaan shakkamuun samuudaan isaanii qorannoof gara Afrikaa Kibbaatti ergame dhibichaarraa bilisa ta’uun mirkanaa’uu isaa Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Wiixata darbe Chaayinaa kan dhufan lammeen Ityoophiyaa sadi fi laammiin chaayinaa 1 vaayirasii kanaan shakkamanii hordoffiin taasifamaa turee jira.
 
Tibba darbes lammiileen Ityoophiyaa afur dhibee kanaan shakkamanii turan bilisa ta’uun isaanii kan yaadatamuudha.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.