Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni haaraan 4 vaayrasii koroonaatin shakkaman

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Imaltoota gara Ityoophiyaa dhufan 47,162 qorannoon ho’ina qaamaa taasifameera.
 
Koroonaa vaayrasii ittisuuf Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee fi buufataalee sakattoo daangaa biyyaa 27tti hojjetamaa jira.
 
Haaluma kanaan imaltoota gara Ityoophiyaa dhufan 47,162 qorannoon ho’ina qaamaa taasifameera.
 
Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti imaltoonni 1,695 biyyoota vaayrasichi itti argamuun gabaafamee kan dhufanidha.
 
Haaluma kanaan lammiin Chaayinaa 1 fi Ityoophiyaanonni 3; waliigalaan namoonni haaraan 4 vaayrasichaan shakkamanii hordonffiin taasifamaafii jira.
 
Tokkoof Aksuumitti, sadaniif ammoo Boolee Caffeetti hordoffiin taasifamaafii jira.
 
Samuudaan isaaniis Afrikaa Kibbaatti ergamee bu’aan qorannoo eegamaa jira.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.