Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni 3 dabalataan vaayrasii koroonaatin qabamaniiru

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni sadi dabalataan vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti namni lammii Jaappaan umriin isaa waggaa 44, lammiin Itoophiyaa umriin isaa waggaa 85 fi lammiin Awustiraaliyaa umuriin isaa waggaa 39 tokko hordoffii fi qorannoo laaboraatorii taasifameefin vaayirasiin koronaa irratti mul’ateera.

Waliigalaan namoonni vaayrasiin koroonaan qorannaadhan isaanirratti argame 9 ga’aniiru.

Kanaan dura namoota ja’arratti argamuun, isaan keessaa arfan wayyachaa jiraachuu ibsamuun hin dagatamu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.