Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa dhiyeessuuf boqonnaa malee hojjetamaa jira- Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa dhiyeessuuf boqonnaa malee hojjetamaa jiraachuu Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoon hubachiisan.

Obbo Taaggasaan Miseensa Kongiransii Ameerikaa Tireent Keelii waliin dhimmoota dippiloomaasii biyyoota lameenii fi dhimmoota waloo garaagaraarratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaatti sababoota garaagaraan lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf boqonnaa malee tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Obbo Taaggasaan marichaan hubachiisaniiru.

Ejjennoo gaarii mootummaan qabateen haalota rakkisoo keessattillee lammiilee kanneeniif hojiin deeggarsa dhiyeessuu cimee itti fufuu ibsaniiru.

Kutaaleen hawaasaa eegumsi seeraa isaan barbaachisu, eegumsa ga’aa akka argataniif gama mootummaan hojiin seera kabachiisuu xiyyeeffannoo argachuu  kaasaniiru.

Ityoophiyaan nageenyi keessoo ishee fi tokkummaan ishee eegamee akka turtuuf yeroo dhiyoo dura Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundeeffamuu addeessaniiru.

Treent Keeliin gamasaaniin, hojii gaarii mootummaan Ityoophiyaa eegale cimanii akka itti fufaniif fedhii qabaachuu dubbataniiru.

Waliigalteewwan mirgoota namoomaa fi seeronni idil addunyaa Ityoophiyaan fudhachuun raggaasiste hundi kan kabajaman ta’uu mootummaan ni mirkaneessa jedhanii amantaa qabaachuu ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.