Ityoophiyaatti lammii ogummaa teeknooloojii diijitaalaa qabu uumuuf hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC)- Ityoophiyaatti lammii Ogummaa teeknooloojii diijitaalaa qabuu fi dorgomaa ta’e uumuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshiniifi Teeknooloojii beeksise.
Ministeerichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Fandii Misoomaa Kaappitaalaa waliin ogummaa diijitaalaarratti qaamolee dhimmi ilaallatu wajjiin mari’ateera.
Waltajjichi lammiileefi qaamoleen dhimmamtootaa ogummaa diijitaalaarratti hubannoo akka argatan taasisuuf kan qophaa’e ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin waltajjicharratti ibsa taasisaniin, addunyaa diijitaalaa keessatti lammii ogummaa diijitaalaa qabuufi dorgomaa ta’e uumuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Tarsiimoo diijitaalaa Ityoophiyaa 2025 keessatti humna namaa diinagdee diijitaalaa bu’uureffachuun kaa’amuu eeruun, tarsiimoo ogummaa diijitaalaa bocuun filannoowwan leenjiifi barnoota diijitaalaa garaagaraa lammiileef dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Ogummaa diijitaalaa lammiilee guddisuun itti gaafatamummaa qaamolee dhimmamtoota hundaa ta’uufi hundi qindoominaan hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.