Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota weerara vaayrasii koroonaan qabamanii dabalaa dhufuu ibsame
Finfinnee, Hagayya 6, 2013 (FBC) – Torbeewwan sadan darban keessa Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota weerara vaayrasii koroonaan qabamanii dachaan dabalaa dhufuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.
Lakkoofsi namoota torbeetti lubbuun darbanii giddugaleessaan 13 irraa gara 36tti ol guddachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Dambaliin weerara vaayrasichaa marsaa 3ffaan eegaluu ragaan kan muul’isu ta’uu dubbataniiru.
Gosti vaayrasii koroonaa Deeltaa jedhamu Ityoophiyaa seenuu isaa mirkaneessuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bu’aan qorannoon guyyoota muraasa keessatti kan ifoomu ta’uu Dooktar Liyaan himaniiru.
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.