Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii lubbuu isaanii dhaban 620 qaqqabe

Finfinnee, Hagayya 15, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii lubbuu isaanii dhaban 620 qaqqabe.
 
Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoonni dabalataa 1,778 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhaban 20 yoo ta’an, kan dandamatan 228 qaqqabeera. Waliigalaan hanga kaleessaatti kan dandamatan ammoo 13,536 ga’eera.
 
Sa’aa 24 darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 21,456 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 1778 irratti vaayrasichi argamuu MInisteerri Fayyaa beeksiseera.
 
Ityoophiytaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 35,836 qaqqabeera.
 
Namoonni 248 hordoffii yaala cimaa keessa kan jiran yoo ta’u, 21,678 ammoo vaayrasichi kan irra jirudha.
 
Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 694,093 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.