Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii dhibba 7 caale

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin namoonni dabalataa 1,545 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 18,778 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 1,545 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabani 17 yoo ta’an, waliigala lubbuu namoota 709 darbeera.
 
Haaraan kan dandamata 534 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 15,796.
 
Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 43,688 qaqqabeera.
 
Namoonni 290 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo amma vaayrasichi namoota 27,181 irratti argama.
 
Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 794,686 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.