Ityoophiyaatti hojiilee invastimantii hojjechuun amma-Pirof. Isteefan Deerkoon
Finfinnee, Sadaasa 25, 2015 (FBC)- Waliigaltee nageeenyaa hordofee Ityoophiyaatti hojiilee invastimantii hojjechuun yeroon isa amma jechuun Yuunivarsitii Oxfoorditti Daayrektarri Giddugala Qorannoo Diinagdee Afrikaa Pirofeesar Isteevan Deerkoon dubbatan.
Hayyuun kun barruu ‘Konteekisti’ jedhamu waliin turtii taasisaniin, walitti bu’iinsa waggoota lamaa booda mootummaan Ityoophiyaa fi ABUT waraana dhaabuuf waliigaluu kaasaniiru.
Waliigalteen Afrikaa Kibbaatti taasifame nageenya mirkaneessuu fi kufaatii diinagdee qaqqabsiise dandamachuuf barbaachisaa ta’uu ibsanii, hawaasni idil addunyaas waliigaltee kana deeggaruu akka qabu hubachiisaniiru.
Pirofeesar Isteevan Ityoophiyaan bara Faranjootaa 2018 keessa biyyoota Gammoojjii Sahaaraa gadii keessaa guddina diingdee saffisaa biyyoota galmeessan keessaa tokko ta’uu ibsanii, kunis giddugala diinagdee Afrikaa Bahaa ta’uu kaasaniiru.
Weerarrii vaayirasii koroonaa fi waranni mudaachuun dura, naannawichatti biyyoota saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko kan taate Ityoophiyaa ta’uu kaasanii, bara Faranjootaa 1998 hanga 2020tti diinagdeen Ityoophiyaa diinagdee biyyoota Afriikaa biroo keessaa %5.4 caalmaa akka qabu yaadachiisaniiru.
Haa ta’u malee raagni Dhaabbata Maallaqa Addunyaa akka argisiisutti sababa waraanaan diinagdeen Ityoophiyaan biyyootaa Afriikaa biroo waliin yoo madaalamu hir’ina argisiisuu eeraniiru.
Biyyattiitti kufaatii dinagdee bal’aa mudate deebisuu fi jireenya tasgabbeessuuf tattaaffiin ijaarsa nageenyaa cimsuu fi deegarsa diinagdee idil addunyaa itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Diinagdee gooroo tasgabbeessuuf Dhaabbannii Maallaqaa Addunyaa yeroo hafuura fudhannaa liqii kennuu akka qabuu fi garaa AGOWAtti deebisuu akka qabu ibsaniiru.
Dabalataan, hawaasni idil addunyaa keessumaa abbootiin qabeenyaa deeggarsa onnachiistu diinagdee taasisuun hojiilee invastimantiirratti bobba’un yeroon isaa amma jechuun dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.