Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Giddugalli qorannoo gaazexeessummaa ijaarramuu qaba jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Dandeettii ogummaa gaazexeessummaa guddisuuf giddugalli qorannoo ijaarramuu akka qabu Abbaan Taayitaa Broodkaastiingii Ityoophiyaa beekksise.
 
Ijaarsa gidduugalichaa waggoota 3 fi baatii jaha keessati xumuruuf karoorfamuu ibsameera.
 
Ityoophiyaatti barnoonni gaazexeessummaa Yuunvarsiitiiwwan 13 keessatti laatamaa jiraachuu ragaan argame ni muul’isa.
 
Yuunvarsiitiwwan kunneen sirna barnootaa kana tokko tokkorraa waraabuun itti fayyadamaa jiraachuu itti aanaan daayreEktara olaanaa Abbaa Taayitaa Broodkaastiingii Ityoophiyaa obbo Wandiwasan Anduwaalem ibsaniiru.
 
Barnoonni gaazexeessummaa laatamaa jirus wantoota ogummichaaf barbaachisaan kan hin guuttannee fi ogeeyyii ga’umsa qaban eebbisiisaa waan hin jirreef barattoonni hanqina ogummaa qabu jedhan.
 
Hanqina ogummaa barattoota quunnamu furuuf giddugalli leenjii gaazexeessumaa barbaachisaa ta’uu obbo Wandiwasan ibsaniiru.
 
Prooppozaalli giddugalicha hundeessuuf tajaajilu mootummaa Kuwaatarii fi tamsaasa Broodkaastiingii Aljeeziiraa waliin ta’uun qophaa’uu ibsameera.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan hojii eegalame ariitiin xumursiisurratti ulaan uumuu isaa obbo Wandiwasan ibsaniiru.
 
Iddoon ijaarsa giddugalichaaf oolu adda baafamaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Baajanni ijaarsa giddugalichaaf barbaachisu mootummaa Ityoophiyaa fi Kuwaatariin kan uwwifamu ta’uu eetraniiru.
 
Giddugalichi miidiyaa Broodkaastiingii fi maxxansaaf haala mijatuun kan ijaarramu ta’uu fi ogeeyyii biyya keessaa fi alaaf giddugala hubannoo ta’uu ni tajaajila jedhame.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.