Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon Ityoophiyaa fi Hindii wantoota hedduun walitti hidhamee kan baroota dheeraa lakkoofsiseedha-Ministira Dhimma Alaa Hindii

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Hariiroon Ityoophiyaa fi Hindi wantoota hedduun walitti hidhamee kan baroota dheeraa lakkoofsiseedha jedhan Ministirri Dhimma Alaa Hindii Subiraahimaniyaam Jaayshaankaar.

Ityoophiyaatti Embaasiin Hindii kan ijaarsise gamoon embaasichaa eebbifameera.

Sirna eebba gamichaarratti Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergooggee Tasfayee dabalatee, Deetaan Ministiraa Ministeera Dhimma Alaa Tasfaayee Yilmaa, dippiloomaatonnii fi ityoophiyaatti hawaasni Hindii argamaniiru.

Sirna kanarratti Ministirri Dhimma Alaa Hindii Subiraahimaniyaam Jaayshaankaar akka jedhanitti, Hindiin Ityoophiyaa waliin daldalaan, invastimantii, aadaa, barnootaa fi dameelee biroorratti walta’iinsaa hojjechaa jirti.

Hindiin yeroo ammaa biyyoota Afrikaa waliin hariiroo qabdu cimsuuf xiyyeeffannaa addaan hojjechaa jirtii dubbataniiru.

Michummaa damee hedduu Ityoophiyaa waliin qabdus faayidaa waloo haala bu’uureffateen sadarakaa caalutti ceesisuuf walta’iinsaan kan hojjettu ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee gama isaaniin, Embaasiin Hindii har’a eebbifame hariiroo michummaa biyyoota lameenii caalmaan guddisuuf fedhii jiru kan argisiisuudha jedhan.

Yeroo ammaa Dhaabbileen Hindii 637 Ityoophiyaatti dameelee invastimantii garagaraarratti bobba’uun hojjechaa jiraachuu yaadachiisanii, hariiroon daldalaa biyyoota lameen gidduus yeroo yeroon dabalaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.