Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 185 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 185 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e.

Sa’aa 24 darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 3775 hojjetamee, namoonni 185 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.

185 keessaa 47 dhiirota, 138 dubartoota yoo ta’an umriin isaanii baatii 3 hanga waggaa 80 ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

184 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 1 lammii biyya alaati.

160 Finfinneerraa, 7 nananoo Oromiyaarraa, 2 naannoo Somaaleerraa, 4 Afaar, 1 naannoo Hararii, 7 Kibbarraa, 1Gaambeellaarraa, 2 naannoo Amaaraarraa, 1 naannoo Tigraayirraayi.

Ityoophiyaatti waliigalaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 4848 qaqqabeera.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 3,359.

Wallaansa hordoffii cimaa keessa kan jiran 38, har’a kan dandamatan 115, waliigalan dhibee vaayrasicharraa kan dandamatan namoota 1412.

Vaayrasichi Ityoophiyaa seenun ega mirkanaa’ee kaasee hanga ammaatti qorannaawwan laabraatoorii 223,341 hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.