Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dhibee gaggabdoo qorichaan hin yaallamne yaala baqaqsanii yaaluu eegaluuf waliigalame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Ityoophiyaatti dhibee gaggabdoo qorichaan hin yaallamne yaala baqaqsanii yaaluu eegaluuf waliigalamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Yaalicha leenjii waliin eegaluuf dhaabbanni Biyya Isiraa’elitti argamu ‘INFI ‘ jedhamu Hospitaala waliigalaa Ityoo – Istaanbuul, Ministeera Fayyaa fi Hospitaala Xiqur Anbassaa waliin waliigalteerra ga’uu ibsameera.

Yaalichi eegalamuun Ityoophiyaatti yaala damee ‘Niwuroomooduuleeshinii’ tarkaanfii tokko gara fuulduratti kan ceesisu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Yaalicha ogeeyyiin yaalaa leenjii fi qorannoon Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Finfinnee waliin tumsaan kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.

Bakka Bu’aan Dhaabbata ‘Infi’ Dooktar Mikaa’eel Leeviin gama isaaniin biyya Isiraa’eelitti yaalicha laachaa jiraachuu eeruun, hanga ammaattis hojiilee bu’aa qabeessa ta’an hedduu hojjechuu dubbataniiru.

Yaalichi wayita Ityoophiyatti eegalame namoota umriin isaanii waggaa 5 – 60 ta’aniif tajaajila yaalaa kan laatamu ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.