Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Dabalataan Namoota 86 Irratti Vaayrasiin Koroonaa yoo argamuu, lubbuun namoota 7 darbeera

Ityoophiyaatti Dabalataan Namoota 86 Irratti Vaayrasiin Koroonaa yoo argamuu, lubbuun namoota 7 darbeera

Finfinnee, Caamsaa 30, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 86 irratti vaayrasiin koroonaa yoo argamu,lubbuun namoota 7 darbuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa 6092 hojjetameera.

Ityoophiyaatti waaligaala namoonni vaayraasii koroonaan qabaman 2020 qaqqabeera.

Namoota 86 keessaa 51 dhiirota, 35 ammoo dubartoota.

Umriin isaanii waggaa 7 hanga 82 ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.

hundisaanii lammiilee Ityoophiyaati.

Namoonni 66 magaalaa Finfinneedhaa.

Namoonni 7 naannoo Tigiraay.

Namni 1 naannoo Amaaraa.

Namni 1 magaalaa Dirree Dawaa.

Namoonni 4 naannoo Kibbaa

Namoonni 7 naannoo Oromiyaa ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Namoota lubbuun darbe keessaa 6 Finfinnee, 1 Oromiyaadha.

Nammoota lubbuun darbe haaraan 7 yoo ta’u, waaligalaa biyyaatti lubbuun namoota 27 darbeera

namoonni 32 kutaa hordooffi addaa keessatti yaalama jiru.

Namoonni haaraan danadamatan 63 yoo ta’u, waliigala namoonni vaayrasicharra danadamatan 344 qaqqabeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.