Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dabalataan namoota 186 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 186 vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, namoonni 3 ammoo lubbuun darbaniiru.
 
Sa’aa 24 darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 4034 hojjetamee, namoonni 186 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.
 
186 keessaa 73 dhiirota, 113 dubartoota yoo ta’an umriin isaanii baatii 6 hanga waggaa 75 ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
 
181 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 5 lammiilee biyya alaati.
 
147 Finfinneerraa, 4 nananoo Oromiyaarraa, 16 naannoo Somaaleerraa,10 Afaar, 8 Dirree Daawwarraa, 1 Kibbarraayi.
 
Ityoophiyaatti waliigalaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 5034 qaqqabeera.
 
Namoonni lama naannoo Somaaleerra, namni tokko Finfinneerraa lubbuun darbaniiru.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 3468
 
Wallaansa hordoffii cimaa keessa kan jiran 38, har’a kan dandamatan 74, waliigalan dhibee vaayrasicharraa kan dandamatan namoota 1486.
 
Vaayrasichi Ityoophiyaa seenun ega mirkanaa’ee kaasee hanga ammaatti qorannaawwan laabraatoorii 227,375 hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.