Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dabalataan laaboraatooriwwan 12 torbee kana tajaajila laachu ni eegalu

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti dabalataan laaboraatooriwwan 12 torbee kana tajaajila laachu eegalu Ministirri Ministeera Fayyaa dooktar Liyaa Taaddasaa himan.

 

Kanan walqabatee lakkofsi laaboraatooriwwanii 20 kan ga’e yoo ta’u, dabalaataan laaboraatooriwwan 5 ammoo yeroo dhiyootti tajaajila kennuu ni eegalu jedhan.

Ministirri Ministeera Fayyaa dooktar Liyaa Taaddasaa akka ibsanitti mootummaan tattamsa’ina vaayrasichaa karaan ittiin ittisu keessaa tokko dandeetti laaboraatooriwwanii babal’isuudha.

Kanaan dura biyyatiitti waliigalaan laaboraatooriwwaan 8 tajaajila kennaa kan turan ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan laaboraatooriwwan 12 torbee kana tajaajila laachu ni eegalu. Kanan walqabatee lakkofsi laaboraatooriwwanii 20 ga’ee jira.

Kanneen keessaa wayita ammaa kana laaboraatooriwwan 11 magaaloota naannoolee garagaraatti akkasumaas laaboraatooriwwan 9 ammoo magaalaa Finfinnee tajaajila laachaa jirachuu ibsaniiru.

Laaboraatooriwwan magaalaa Finfinneetti argama keessaa 1 hoospitaala dhuunfatti akka argamu himaniiru.

Laaboraatooriwwan hunduu guutummatti wayita hojiitti galan guyyaatti saamuda kuma 3 fi 985 qorachuu akka danda’u ibsaniiru.

Dandeetti kana caalumaatti guddisuuf dabalaataan laaboraatooriwwan 5 yeroo dhiyootti hojii akka eegalan eeraniiru.

Dhiyyeessi laaboraatooriwwanif barbaachisu  fuulduratti guutuuf biyyoota garagaraa waliin mariin eegaluus himaniiru.

Laaboraatooriwwan vaayrasii koroonaa qoratu dabaluu waliin walqabatee buufataalee fayyaa dabalatee mallattoolee dhukkuba sombaa waliin kan walqabtee saamuda fudhatee qorachuu eegaluu hubaachiisaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.