Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti daa’imman miiliyoonni 5 hanqina nyaataan rakkoo fayyaaf saaxilamoo ta’uun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2015 (FBC)- Ityoophiyaatti daa’imman miiliyoona 5 ta’an hanqina nyaata madaalawaan rakkoo fayyaaf saaxilamaa jiraachuun ibsame.

Koonfiraansiin Idil addunyaa nyaataa fi sirna nyaataarratti xiyyeeffate Yuunivarsiitii Jimmaatti gaggeeffameera.

Koonfiraansicharratti Hoji Gaggeessituun Kutaa Sirna Nyaataa Ministeera Fayya Aadde Hiiwot Darsaane daa’imman waggaa umrii 5 gadi miiliyoonni 5 hanqina nyaataan rakkoo fayyaaf saaxilamoo ta’uu himan.

Kuis qorannoo ummataa fi fayyaa waggaa shan, shaniin gaggeeffamuun kan addaa baafame ta’uu eeraniiru.

Rakkoo kana furuufis daa’immanii fi hadholii sababa hanqina nyaataan miidhamaniif wal’aansa akka argatan taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Doktar Jamaa Abbaa Fixaa gama isaaniin, koonfiraansicharratti qorannoowwan dhaiyaatanii fi qaamoolee garaagaraa waliin qindoominaan hojjachuu haalota dandeessisanirratti akka mari’atamu dubbataniiru.

Kana males, imaammata fooyyeessuuf galteewwan akka argamsiisu Doktar Jamaal dubbataniiru.

Yuunivarsiitiin Jimmaa rakkoo sirna nyaataan hiikuuf qaamoolee gara garaa waliin qindoominaan hojjataa jirachuu himaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.