Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti baatiwwan 6 keessatti yaaliin haleellaa saaybarii 976 taasifame

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2013 (FBC)- Bara baajata baatiwwan 6n darbanitti yaaliin haleellaa saaybarii 976 dhaabbilee Ityoophiyaatti taasifamuu Eenjansiin Nageenya Infoormeeshinii ibseera.
Daayreektarri olaanaan eejansichaa Dooktar Shumatee Gizaw, bara baajatichaatti haleellaan saaybarii hedduun yaalameera jedhan.
Haleellichi heddummachuf sababa kan ta’ee jijjiirrama diijitaalaa weerarri vaayrasii koroonaa qaqqabsiisee, duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayii fi taateewwan biroo akka biyyaa fi naannootti muudatan ta’uu ibsameera.
Haleellawwan saaybarii bara kana qaqqaban kan bara darbee waliin kan wal fakkatuu ta’uu Dooktar Shuumateen ibsaniiru.
Haleellawwan yaalaman keessaa % 40 gara dhaabbilee faayinaansitti yoo ta’u, kan hafan manneen hojii mootummaa, miidiyaaleerratti, dhaabbiilee barnootaa fi biiroolee biroorratti jedhaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.