Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti hammi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii % 12.8 dabaluu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti hammi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii % 12.8 dabaluu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiise.
Weerarich sadarkaa idil addunyaatti % 2, Afrikaatti ammoo % 10 dabaluu himameera.
Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa saffisaan dabalaa jiraachuu Inistiityuutichi akeekkachiiseera.
Afrikaatti torbee kan hammi tatamsi’ina vaayrasichaa % 10 yoo dabalu, Ityoophiyaatti ammoo % 12.8 dabaluu ibsameera.
Guyyaa kaleessaa qofa namoota qorannoon laabraatoorii taasiifameef kuma 7 fi 819 keessaa vaayrasichi namoota kuma 1 fi 543 irratti argamuu himameera.
Namoota qorannoon taasiifameef keessaa % 20 vaayrasichaan qabamuu agarsiisa jedha Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa.
Ityoophiyaatti namoonni wallaansa cimaa keessa galanii haalan dabaluun 438 ga’uu himameera.
Tatamsa’inni vaayarsichaa kutaalee biyyatti hundatti saffisaan dabalaa jiraachuu Initiityuutichi beeksiseera.
Hawaasni seeroota weerara vaayarsii koroonaa ittisuuf ba’an hojiirra oolchuu akka qaban Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa waamicha dhiyeesseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.