Ityoophiyaatti, Ambaasaaddarri Indooneezyiyaa qabeenya hawwata turizimii Godina Jimmaa daawwatan
Finfinnee, Onkololeessa 09, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti, Ambaasaaddarri Indooneezyiyaa Albusyira Basnuur qabeenya hawwata turizimii Godina Jimmaa daawwataniiru.
Abbootiin qabeenyaa Indooneezyiyaa gara Itoophiyaatti dhufanii hawwata turizimii irratti akka hirmaataniif kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Godinni Jimmaa, qabeenya hawwata turizimii kanneen akka bosona uumamaa, buna uumamaa, fincaa’aawwan, sulula, teessuma lafaa hawwatoo ta’an fi bineeldota daawwannaaf oolan hedduu qabdi.
oomishaaleen bunaa fi dammaa Ambaassaadarichaan daawwatamaniiru.
Qaabeenyi kun gara diinagdeetti jijjiiramee hawaasni naannoo irraa akka fayyadamuuf michooma Indooneezyiyaa fi Ityoophiiyaa jidduu jiru cimsuun , abbootii qabeeynaa indoonezyiyaa hirmaachisuun akka hojjatan ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Daawwannaa guyyoota lamaaf aanalee godinichaa garagaaraa keessa naanna’uun taasisaniin Ityoophiyaa fi Indooneezyiyaan bosona uumamaa hedduminaan qabaachuun walfakkaatu jechuu isaanii OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.