Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanoota Afaan Arabaan barreessaan waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa fi daayreektarri jeneraalaa Pabliik Dippiloomaasii Ambaasaaddar Diinaa Muftiin Ityoophiyaanoota Afaan Arabaatiin barreessaan waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota waqtaawaa fi maqaa gaarii biyyaa biyyoota giddugala Bahaa fi biyyoota Arabaatti beeksisuuf haala waliin hojjechuun danda’amurratti marii taasiisaniiru.

Hirmaattoonni marichaa Ityoophiyaa fi biyyoota Baha giddugaleessaa, akkasumas biyyoonni Arabaa wantoota walitti isaan hidhu seenaa, Amantaa fi hariiroo ummataa hedduu qabaachuu kaasaniiru.

Duudhaalee waloo irratti hundaa’uun hojjechuun akka barbaachiisu eeraniiru.

Maqaa gaarii Ityoophiyaa ijaaruuf qooda isaanii ba’uuf waliigaluu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.