Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni Turkiin jiraatan lammiilee kirkira lafaan miidhamaniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa Turkiin jiraatan lammiilee biyyattii balaa kirkira lafaan miidhamaniif deeggarsa taasisaniiru.

Deeggarsi kunneenis meeshaalee hatattamaa, maallaqaa fi tumsa garaagaraa ta’uun eerameera.

Deeggarsichas Embaasii Ityoophiyaa biyyattiitti argamu waliin ta’uun akka taasisan ibsameera.

Mootummaan Ityoophiyaa Turki waliin hariiroo dippilomaasii cimaa qabaachuun ni beekama.

Balaa kirkira lafaa biyyattii mudatee tureen ogeeyyii lubbuu baraarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa fi Ministeera Fayyaarraa walitti baba’an meeshaalee deeggarsaa waliin gara Turkitti ergamuun deeggarsa taasisuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.