Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni kuma 1 fi 23 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)- Lammilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessatti argaman gara biyyaattii deebisuuf hojiilee marsaa sadiin gaggeeffameen lammiileen kumni 1 fi 23 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Kanneen guyyaa har’aa deebi’an keessa 869 dhiirota, 145 dubartootaa fi 9 ammoo guddattoota umriin isaanii waggaa 18 gadii ta’uun eerameera.

Deebitootaaf kunuunsaa fi deeggarsi barbaachisaan taasifamuun hojiin maatiin walquunnamsiisuu hojjetamaa jira jedhameera.

Sadaasa 12, 2015 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuuf taasifameen hanga ammaatti lammiileen kumni 11 fi 843 deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.