Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni Keeniyaa jiraatan nageenya biyyaarratti mootummaa waliin ni hojjenna jedhan

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Ityoophiyaanonniifi dhalattoonni Ityoophiyaa Keeniyaa jiraatan biyyi nagaa akka taatu, waraanni hanga xumuramuttiifi birmadummaan biyyaa hanga kabajamutti gahee isaanii ba’achuuf qophii ta’uu mirkaneessan.

Ityoophiyaanonniifi dhalattoonni Ityoophiyaa Keeniyaa jiraatan garee shororkeessaa mormuun ibsa ejjennoo baasaniiru.

ABUT Onkoloolessa 24,2013 Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaarratti haleellaa raawwachuun waraana eegaluufi dhumaatii lammiilee biyyattiirraan gahuufi qabeenya barbadeessuu akkasumas birmadummaa biyyaa balaaf saaxilee turuu yaadachiisaniiru.

Bifuma walfakkaatuun waamicha nageenyaa mootummaarraa dhiyaateef cinaatti dhiisuun yeroo ammaa uummataafi birmadummaa biyyaarratti irra deebiin waraana banuu ibsaniiru.

Waraanni akka itti fufuufi biyyattiin karaa garaagaraa akka dadhabduuf kan hojjetan hundi hojii nageenyaafi birmadummaa Ityoophiyaa balaarra buusurraa harka isaanii akka kaasan gaafataniiru.

Garaagarummaan ilaalchaa osoo isaan hin jilbeenfachiisiin dhimma biyyasaaniirratti hirmaachuun biyyi nagaa akka taatu, waraanni hanga xumuramuttiifi birmadummaan biyyaa guutummaan guutuutti hanga kabajamutti mootummaa waliin ta’uun gahee isaanii kan bahatan ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.