Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni Kaalifoorniyaa Kaaba Jiraatan meeshaalee wal’aansaa Birri miiliyoona 27 deeggarsa taasisan

Finfinnee, Amajjii 1, 2015(FBC)- Ogeeyyiin fayyaa Dhalattoonni Ityoophiyaa fi ityoophiyaanonni Kaalifoorniyaa Kaaba Jiraatan meeshaalee wal’aansa Fayyaa Birri miiliyoona 27’tti tilmaamaman deeggarsa taasisan.

Deeggarsichaas miseensota hawaasa Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanota Ogeeyyii fayyaa Kaalifoorniyaa Kaaba jiraatan bakka Bu’uun Dooktar Qiddisti Kidaanee Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaatti kennaniiru.

Dooktar Qiddisti sirna walharkaa fuudhiinsa deeggarsichaarratti hawaasni Ityoophiyaa Ministeera Fayyaa waliin ta’uun deeggarsa walitti qabuu himaniiru.

Deeggarsichis buufataalee fayyaa afur Waagimiraa fi Walloo Kaabaatti argamaniif kan oolu yoo ta’u, waliigalaan Birri miiliyoona 27’tti akka tilmaamamu dubbatan.

Dooktar Liyaan gama isaaniin deeggarsichi buufataalee fayyaa guutummaan gurmeessuun tajaajila jalqabsiisuuf kan tumsuudha jedhan.

Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan deeggarsi taasisan dhaabbilee waraanaan miidhaaman deebisanii dandamachiisuuf tattaaffii mootummaan taasisuuf humna akka ta’u eeraniiru.

Deeggarsa taasifameef galateeffatanii, dhaabbilee waraanaan miidhaman deebisanii dandamachiisuuf deeggarsi taasifamu cimee akka itti fufu waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.